Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Pireezidaantoonni Naannolee Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Aadde Alamituu Umood ergaa dabarsaniin hawaasni waayita ayyaana Cuuphaa kabajan jaalala fi kabaja Iyyesuus Kiristoos nu barsiise fudhachuun ta’uu qaba jedhan.
Ayyaanichi ayyaana jaalalaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.
Pireezidaantiin Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoonis Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu isaan kunuunsuu fi eegee qabne jedhan.
Ayyaanichi Ummata Itiyoophiyaa maraaf ayyaana nageenyaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.
Pireezidaantiin Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaan gama isaaniin Ayyaanni Cuuphaa bara Ayyaana tokkummaa, jaalalaa fi kabajaa ta’uu eeraniiru.
Ummataa Itiyoophiyaa fi hawaasa Kiristaanaa maraan baga geessan jedhaniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasanis ayyaana kana waayita kabajnu bifa walummaa caalmaatti cimsuun, nageenya, guddinaa fi Badhaadhina biyyaaf ooluun waloon kabajuu qabna jedhan.
Pireezidaantiin Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indashaaw Xaasew gama isaaniin, Ayyaana Cuuphaa waayita kabajnu abdii, jaalalaa fi kabajaan ta’uu qaba jedhan.
Ayyaanichi kan fayyinaa, jaalalaa, misoomaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.
#Oromiyaa #Ethiopia
#Oromiyaa #Ethiopia