Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee yaa’ii Hoggantootaa Dhaabbata Biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasiifiik irratti hirmaachuuf Maalaaboo galan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC) – Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee yaa’ii Hoggantootaa Dhaabbata Biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasiifiik (OACPS) 11ffaa irratti hirmaachuuf Ikuwaatoriyaal Giinii, magaalaa Maalaaboo galaniiru.

Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Maalaaboo yeroo gahanis, Ministira Muummee Ikuwaatoriyaal Giinii Maanu’eel Usaa Uzuuwee dabalatee qondaaltota mootummaa biyyattii olaanoon simatamaniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Afrikaa, Kaaribiyaanii fi Paasiifiik biyyoota 79 miseensummaan kan hammatu yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti tumsa daldalaa fi diinagdee malees, dhimmoonni misoomaa, dippiloomaasii, siyaasaa fi haqaa idil-addunyaa kan irratti mari’ataman ta’aa dhufeera.

Yaa’iin Hoggantootaa 11ffaan kun Bitootessa 18 hanga 20, 2018tti kan turu ta’uu ENA’n gabaaseera.

Yaa’icharratti hoggantoota biyyoota miseensotaa malees, bakka bu’oonni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa ni argamu jedhamee eegama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment