Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen Afrikaatti gorsaa Olaanaa Pirezidaanti Tiraampi wajjin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC) – Pirezidaantittiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen Afrikaatti gorsaa Olaanaa Pirezidaanti Tiraampi Maasaad Boloos waliin mari’ataniiru.

Maree kana yaa’ii daladalaa Afrikaa fi Ameerikaa Angoolaatti taa’amaa jiru cinatti kan mari’atan.

Hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii barootaaf ture jabeessuun haala danda’amu irratti kan mari’atan.

Misoomaa fi nageenya naannawaa irrattis mari’achuu isaanii Ministeera Dhimma Alaatti Daarikteerri Jeneraalaa Dhimmoota Ameerikaa fi Awurooppaa Ambaasaaddar Mulee Taarraqeenyi ibsaniiru.

Keessumaa damee dippilomaasii inveestimeentii fi daldalaan tumsa biyyoonni lamaan qaban haala ittiin caalmaatti cimsuu fi bal’isuun danda’amu irratti waliigaluu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin w

aan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment