Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen hojiilee misoomaa Dhaabbata Deeggarsaa Kaatoolikii dinqisiifatan

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen hojiilee misoomaa Dhaabbata Deeggarsaa Kaatoolikii (CRS) dinqisiifatan.

Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen hangafa Phaapphaasotaa Mana Amantaa Kaatoolikii Itiyoophiyaa Kaardinaal Birhaanayyasuus Suuraafeel fi hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbatichaa Shaan Kaalaahaan waliin mari’ataniiru.

Pirezidaanti Taayyeen wayita kana, dhaabbatichi qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota Itiyoophiyaa deeggaruun hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Deeggarsi dhaabbaticha taasisaa jiru dinqisiifachuun hojiilee gara fuulduraatti hojjetuufis mootummaan deeggarsa barbaachisaa kan godhu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment