Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen xalayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota 14 fuudhaniiru.
Xalayaa muudamaa isaanii Pirezidaanti Taayyeef kan dhiyeessan ambaasaaddaroota biyyoota: Sudaan Kibbaa, Xaaliyaanii, Moriishiyees, Zaambiyaa, Jarman, Joordaan, Niwuuziilaandi, Burkiinaa Faasoo, Moozaambiik, Keeniyaa, Belaaruus, Filiipiinsi, Kiirgaakiistaan fi Laatiiviyaa ti.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo akka ibsanitti, ambaasaaddaroota xalayaa muudamaa isaanii dhiyeeffatan keessaa 11 teessoon isaanii Finfinnee dha.
Ambaasaaddaronni kunneen bu’aa guddaa galmeessaa kan jiru fooyya’iinsa dinagdee gooroo fi dameelee inveestimeentii fi daldalaa irratti pirezidaanti Taayyee waliin mari’ataniiru.
Akkasumas hojiiwwan bu’aa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabajchiisan irratti mari’achuu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.
Ambaasaaddaroonni kunniin jijjiirama Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru jajuu eeranii, Itiyoophiyaa irraa muuxannoo fudhachuu akka barbaadan dubbachuu isaaniis kaasaniiru.
Itiyoophiyaa fi biyyoottan isaanii gidduuttis hariiroo gamlamee cimsuuf akka hojjetan mirkaneessaniiru jedhan.
#Oromia #Ethiopia