Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018(FMC) – Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen xalayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota 14 haaraa muudamanii masaraa biyyaalessaatti simatan.
Pirezidaanti Taayyeef xalayaa muudamaa isaanii kan dhiyeessan ambaasaaddaroota biyyoota Moritaaniyaa, Kaazaakistaan, Vaatikaan, Baangilaadish, Liigii Arabaa, Indoneezyiyaa,Sarbiyaa, Iswiidin, Kanaadaa, Siwiizerlaandi, Ijiipti, Haaangaarii, Saanmaariinoo fi Turkiimistaan dha.
Ministira Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos dabalatee hoggantoonni olaanoo biroon sirnicha irratti argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.