Pirezidaanti Taayyeen Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa galateeffatan

Finfinnee, Ebla 30,2017 (FMC) – Pirezidaanti Taayyee Atsqasilaaseen Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa galateeffataniiru.

Guyyaan Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa “Namooma haa jabeessinu’’ mata duree jedhuun sadarkaa addunyaatti yeroo 78ffaaf akka Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 67ffaaf yaadatamaa jira.

Pirezidaanti Taayyee Atsqasilaaseen  guyyicha sababeeffachuun Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaaf galateeffataniiru.

Pirezidaantichi ergaa isaaniin hawaasa Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa, deggertoota, miseensota, tola ooltotaa fi hojjettoota baay’een galateeffadha jechuu isaanii ragaan waajjira Pirezidaantii irraa argame ni mul’isa.

Guyyaan Fannoo Diimaa fi Baatii Diimaa sadarkaa biyyaatti bakka hoji-raawwachiistonni Waldaa Fannoo Diimaa, hojjettoonni, tola-ooltonnii fi bakka bu’oonni deggertoota waldichaa argamanitti magaalaa Adaamaatti deemsa miilaa dabalatee sagantaalee garaagaraan yaadatamee ooleera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment