Pirezidaanti Zalaniskiin dhaabbileen Inarjii biyyattii akka haaraatti kan gurmaa’an ta’uu ifoomsan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Yuukireen Vooloodmiir Zalaniskiin Dhaabbileen Inarjii biyyattii akka haaraatti kan gurmaa’an ta’uu ifoomsaniiru.

Pirezidaantichi murtoo kana kan ifoomsan Hoggantoonni olaanoo Dhaabbilee Inarjii Yuukireen gocha malaammaltummarratti hirmaachuun ta’uu beeksisaniiru.

Biyyattiin wayita Raashiyaa waliin walitti bu’iinsa keessa jirtuu fi dameen Inarjii qormaata keessa galetti dhaabbiileen Inarjii doolara miiliyoona 100 qisaasessuu isaanii qorannoon irra gahameera jedhan.

Gochi kun lammiilee Yuukireen hedduu rifachiisuun himameera.

Pirezidaanti Zalaniskin kana hordofee fuula miidiya hawaasummaa isaaniin, dhaabbilee kanneen irratti odiitii faayinaansii qofa osoo hin taane jijjiiramni hoggansaa ni taasifama jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment