Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan morkiin Arsenaal Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Amajjii 16, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan har’aa eegaluun taphatamu.

Morkiin Boru dursaan liigichaa Arsenaal Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Taphoonni torbee 23ffaa kunneen falmii har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Weest Haam Sandarlaandi waliin gaggeessuun eegalama.

Galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Barnileey – Tootenhaam, Fuulhaam – Biraayitan, akkasuma Maanchiister Siitiin – Woolviis waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 2:30 eegalee Boornimaawuuz Liiverpuul waliin morkata.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Bireentifoord – Notingahaam Forest, Kiristaal Paalaas – Cheelsii, akkasuma Niwuukaasiil – Astoon Viilaa waliin morkiin taasisan ni eegama.

Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Arsenaal dursummaa isaa caalmaatti cimsuuf falmiin Maanchiister Yuunaayitiid waliin taasisu akkaan eegama.

Arsenaal qabxii 50’n liigicha yoo dursu, Maanchiister Yuunaayitiid ammoo qabxii 35’n sadarkaa 5ffaarratti argama.

Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1894 eegalee taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 245 keessaa Maanchiister Yuunaayitiid yeroo 99 yoo injifatu, Arsenaal si’a 91 injifachuun, yeroo 55 ammoo qabxii qooddataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment