Finfinnee, Guraandhala 3, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 26ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Har’a halkan sa’aatii 4:30 eegalee Cheelsii – Liidiis Yuunaayitiid, Eevartan – Boornimaawuuz waliin yoo taphatan, Tootenhaam ammoo Niwuukaasiil waliin morkata.
Halkan sa’aatii 5:15 jalqabee Maanchiister Yuunaayitiid yeroo 5ffaaf walitti aansuun injifannoo galmeessuuf morkiin Weest Haam Yuunaayitiid waliin taasisu ni eegama.
Taphoota torbee 25ffaan Weest Haam galchii 2 fi 0’n Barnileey, Maanchiister Yuunaayitiid ammoo galchii 2 fi 0’n Tootenhaam injifachuun kilaboonni lamaanuu si’oomina gaarirratti argamu.
Boru halkan sa’aatii 4:30 jalqabee Astoon Viilaan – Biraayitan, Kiristaal Paalaas – Barnileey, Maanchiister Siitiin – Fuulhaam,akkasuma Notingahaam Forest – Woolviis waliin taphatu.
Kamisa halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Bireentifoordi dursaa liigichaa Arsenaal waliin morkiin taasisu ni eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.