Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 29ffaan har’a taphoonni 5 ni taphatamu

Finfinnee, Guraandhala 25, 2018 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 29ffaan har’a taphoonni murteessoon 5 ni taphatamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:30 jalqabee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Astoon Viilaa – Cheelsii, Biraayitan Arsenaal, Fuulhaam Weest Haam, akkasuma Maanchiister Siitiin Notiingahaam Forest waliin morkiin taasisan ni eegamu.

Halkan sa’aatii 5:15 eegalee Niwuukaasiil Maanchiister Yuunaayitiid waliin falmiin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Taphoota eda taphatamaniin Woolviis galchii 2 fi 1’n Liiverpuul, Eevartan galchii 2 fi 0’n Barnileey, Sandarlaandi galchii 1 fi 0’n Liidis Yuunaayitiid yoo injifatan, Boornimaawuuz Bireentifoordi waliin galchii malee qixa bahuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment