Piriimeer Liigii Ingiliiziin taphoonni torbee 37ffaa boru itti fufuun ni taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 9, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 37ffaa taphni boru Niwuukaasiil Arsenaal, Weest Haam ammoo Notiingahaam Forest keessummeessan ni eegamu.

Boru waaree booda sa’aatii 8:00 eegalee Eevartan Saawuuz Hampitan waliin yoo taphatu, sa’aatii 10:15 jalqabee Weest Haam Nootiingahaam Forest waliin taphata.

Sa’aatii 11:00 eegalee Bireentifoordi Fuulhaam, Leester Siitiin Ipisiiwiich Taawoon waliin falmatu.

Galgala sa’aatii 12:30 jalqabee taphni Niwuukaasiil Arsenaal keessummeessu ni eegama.

Arsenaal qabxii 68’n sadarkaa 2ffaarratti argama. Niwuukaasiil ammo qabxii 66’n sadarkaa 3ffaarra jira.

Sababa kanaan falmiin kilaboota lamaan gidduutti taasiifamu xiyyeeffannoon argateera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment