Finfinnee, Mudde 30, 2018 (FMC) – Sagantaa xumuraa taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 21ffaan taphni har’a Arsenaal Liiverpuul keessummeessu akkaan eegama.
Arsenaal garaagarummaa kilaboota itti aanaan waliin qabu caalmaatti bal’isuuf morkiin har’a Liiverpuul waliin taasisu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Falmiin har’a halkan sa’aatii 5:00 jalqabee kilaboota lamaan gidduutti godhamu Arsenaal imala gara Waancaatti taaisuuf akkaan murteessaadha.
Ammaa Arsenaalii fi Liiverpuul gidduu garaagarummaa qabxii 14tu jira.
Kilaboonni lamaan taphoota ammaan dura waliin taphata 245 keessa Arsenaal yeroo 83 yoo injifatu Liiverpuul si’a 96 injifachuun taphoota 66 ammoo qabxii qoodataniiru.
Arsenaal qabxii 48’n Liigicha yoo dursu, Liiverpuul qabxii 34’n sadarkaa 4ffaarratti argama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.