Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Taphoonni CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa marsaa 2ffaan har’aa eegaluun taphatamu.
Taphoonni torbee 20ffaa kun tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Hadiyyaa Hoosaa’inaan Magaalaa Bahiirdaar, akkasuma Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Walaayittaa Diichaan Machaal keessummeessaaniin eegalama.
Galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Madin Itiyoophiyaan Magaalaa Adaamaa, Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti ammoo Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Faasiil waliin taphatu.
Bunni Sidaamaa qabxii 35’n liigicha yoo dursu, magaalaan Hawaasaa fi Nageellee Arsiin qabxii walfakkaatuun galchiin caalamuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.