Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) –Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee falmiin Magaalaan Bahiirdaar Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Nageellee Arsii waliin taasisu ni eegama.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Midira Gannat Shireen Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adamaatti Faasiil keessummeessa.
Galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Madin Itiyoophiyaan Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Hadiyyaa Hoosaanaa waliin yoo morkatu, sa’aatuma walfakkaatuutti Dirre Dhawaan Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adamaatti Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin taphata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 42’n liigicha yoo dursu, Magaalaan Hawaasaa fi Nageellee Arsiin qabxii 37 walqixaan galchiin walcaaluun sadarkaa 2 fi 3ffaa qabataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.