Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 26ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti Nageellee Arsiin Madin Itiyoophiyaa waliin taphata.
Akkasuma sa’aatii 10:00 jalqabee Magaalaan Aarbaa Minci Hadiyyaa Hoosa’iinaa waliin morkata.
Waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Faasiin Magaalaa Hawaasaa waliin yoo taphatu, sa’aatii 12:00 jalqabee Yuunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat Walaayittaa Diichaa waliin falmata.
Taphoota hanga ammaatti taphatameen Bunni Sidaamaa qabxii 48’n Liigicha yoo dursu, Hawaasaa fi Nageellee Arsiin qabxii 41 walqixaan galchiin walcaaluun 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.