Piriimeerliigii Ingiliiz torbee 14ffaan har’a taphoonni 6 ni taphatamu

Finfinnee, Sadaasa 24, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 14ffaan taphni har’a Arsenaal Bireenfoordiin keessummeessu ni eegama.

Har’a halkan sa’aatii 4:30 jalqabee dursaan Liigichaa Arsenaal Bireentifoord waliin taphata.

Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf morkiin taasisu ni eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota 22 waliin taphatan keessaa Arsenaal yeroo 10 yoo injifatu, Bireentifoord si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qoodataniiru.

Arsenaal bara kana taphoota 20 taphateen galchiiwwan 43 galchuun galchii 7 qofa keessummeesse.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Biraayitan – Astoon Viilaa, Barnileey – Kiristaal Paalaas, Woolviis Notiingahaam Foresti waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 5:15 eegalee Liidis Yuunaayitiid – Cheelsii, Liivarpuul – Sandarlaand waliin morkiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.

Liiverpuul taphoota piriimeerliigichaa walitti aansuun erga injifatamee booda Dilbata Weest Haam galchii 2 fi 0’n injichuun kaka’umsa gaariirratti argama.

Sandarlaandi taphoota Piriimeerliigichaa hanga ammaatti taphateen kilaboota jajjabootti qormaata guddaa ta’eera.

Cheelsii injifachuun Arsenaal waliin ammoo qabxii qoodachuun kan yaadatamuudha.

Amma qabxii 22 walitti qabachuun sadarkaa 6ffaarratti yoo argamu, taphoota Piriimeer Liigii bara kanaan 13 keessaa 6 kan injifatame Liiverpuul qabxii 21 walitti qabachuun 8ffaarratti argama.

Taphoota eda taphatamaniinn Maanchiister Siitiin galchii 5 fi 4’n Fuulhaam injifchuun morkii isaa cimsateera.

Taphoota biroon Boornimaawuuz Eevartaniin galchii 1 fi 0’n yoo injifatamu, Niwuukaasiil Tootenhaam waliin galchii 2 qixa baheera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment