Piriimer Ligii Ingilaandiin har’a taphoonni 4 ni taphatamu

Finfinnee, Guraandhala 24, 2018 (FMC) – Sagantaa taphaa piriimer Liigi Ingilaandi torbee 29ffaan har’a galgala taphoonni 4 ni taphatamu.

Haaluma kanaan hirmaannaa Shaampiyensi Liigii Awurooppaa bara dhufuu mirkaneeffachuuf falmataa kan jiru liivarpuul gara Istaadiyeemii Moliiniiyuksitti imaluun galgala sa’aatii 5:15 irratti Wolvis waliin morkata.

Tapha kana dursee Boornimaawuz fi Bireentifoordi, Evertani fi Barnileey, akkasumas Liidsii fi Sandarlaandi yeroo wal fakkaatu sa’aatii 4:30 irratti kan taphatan ta’a.

Arsenaal liigicha qabxii 64’n yoo dursu, Maanchister Siitiin ammoo qabxii 59’n itti aana.

Wolvis, Barnileey fi Weesti haam Yunaayitid ammoo sadarkaa dhumaa keessatti argamu.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment