Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Tapha CBE Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 4ffaan har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Guyyaa sa’aatii 9:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti Qiddus Giyoorgis fi Magaalaan Shaggar wal morkatu.
Sa’aatuma walfakkaataatti Nagalleen Arsiifi Magaalaan Adaamaa Isteediyeemii Yuuniivarsiitii Hawaasaatti taphatu.
Guyyaa Sa’aatii 10:00 irraa jalqabee Gaamoo Caanchaa fi Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Isteediyeemii Yuuniivarsiitii Aarbaa Minici Kaampaasii Abbayyaatti kan taphatan ta’a.
Galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee ammoo Walaayittaa Diichaafi Magaalaan Halaabaa Isteediyeemii Yuuniivarsiitii Hawaasaatti wal morkatu.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa