Piriimeer Liigii Ingiliziin taphoonni torba ni taphatamu

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Piriimeer Liigii Ingiliz torbee 12ffaan har’a taphoonni torba ni taphatamu.

Guyyaa sa’aatii 9:30 irratti tapha Cheelsiin dirree isaan alatti Baarnileey waliin taphatuun torbeen 12ffaa kan eegalu.

Qabxii 20’n sadarkaa 3ffaa irratti kan argamu Cheelsiin taphoota sadii walitti aansee mo’achuuf gara dirree seena.

Abbaan dirree Baarnileey gama isaan walitti aansee tapha lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf falmata.

Tapha kan biraan galgala sa’aatii 12 irratti Liivarpuul dirree isaa irratti Nootingihaam Fooreestiin keessummeessa.

Leenjisaa Arnee Silootiin kan durfamu Liivarpuul gara injifannootti deebi’uuf kan taphatu yoo ta’u, Nootingihaam Fooreesti gama isaan walitti aansee yeroo 2ffaaf mo’achuuf kan falmatu ta’a.

Sa’aatii wal fakkaataatti Woolvis fi Kiiristaal paalaas, Fuulhaam, Sandaarlaandi waliin, Biraayitani Bireentifoordi waliin akkasumas Boornimaawuz Weestihaam waliin ni taphatu.

Galgala sa’aatii 2:30 irratti ammoo Niwuukaasil Yunaayitid Maanchister Siitii waliin Seenti Jeemsi Paarkitti waldorgomu.

Maanchister Siitiin liigichatti injifannoo isaa sadaffaa milkeessuuf gara dirreetti kan seenu yoo ta’u, Niwuukaasil Yunaayitid ammoo yeroo lama erga mo’atamee booda gara injifannootti deebi’uuf falmaa.

Wanddimmaganyi Tsaggaayeetiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment