Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC) – Pirojeektonni gurguddoon eegalaman bifa dinagdee biyyaa qajeelchuu dandeessisaniin hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad .
Magaalaa Walaayitaa Sooddootti mareen uummataa gaggeeffamee jira.
Injiinar Ayishaan wayita kana akka dubatanitti, pirojeektonni gurguddoon akka biyyaatti eegalaman haala dinagdee biyyaa qajeelchuu danda’aniin hojjetamaa jiru.
Naannoo Walaayitaa Sooddoo namni barate hedduun akka jiru kaasanii, inniisheetivonni carraa hojii uumuu dandeessisan akka naannichaatti ijaaramuu qabu jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa abbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, jijjiiramaa asi mootummaan bu’aalee mul’achuu danda’an hedduu galmeessisuu danda’uu dubbatanii, kanaanis Hidha Haaromsaa Xumunuun bu’uura dinagdee biyyaa gochuun danda’ameera jedhan.
Qamadiin itti fayyadama biyya keessaa bira darbee daldala alaaf dhiyeessuun danda’amuu fi qabeenya uumamaa karaa ammayyaan hojirra oolchuun bu’uura dinagdee akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Hojileen misoomaa naannawichatti eegalaman fi Xumuraman bu’aa Paartii Badhaadhinaa fi hirmaannaa uummataa ta’uu kan kaasan ammoo sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti qindeessaa kilaastera Walaayittaa Sooddoo fi hogganaa Biiroo Faayinaansii naannichaa Obbo Tafarii Abaataa ti.
Hojiin misoomaa gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti jedhu bu’aa fiduu danda’uu fi oomishaalee indaastirii bakka bu’oo irratti milkaa’inni galmaa’uu dubbataniiru.
Jiraattotni magaalaa Sooddoo waltajjicha irratti hirmaatanis imala jijjiiramaa akka biyyaatti eegalame akka deggeran ibsanii, tajaajilawwan adda addaa dijiitaalessuun hojiin ammayyeessuu akka dagaagu gaafataniiru.
Mallasee Taaddaseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia