Pirojektii Aviyeeshinii Afrikaa Sadarkaa olaanaatti ceesisu…

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan pirojektiiwwan misoomaa gurguddoo milkeessuun Afrikaaf darbees addunyaaf fakkeenya ta’aa jirti.
 
Kanaaf ammoo qabeenyaafi dandeettii lammiilee biyyattiin ijaaramee kan xumurame Hidhi Guddichi Haaromsaa ragaa guddaadha.
 
Yeroo ammaa kanas biyyattiin pirojektiiwwan misoomaa gurguddoo imala badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf gargaaran hedduu eegalteetti.
 
Pirojektoota kanneen keessaa ijaarsi pirojektii buufata Xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu isa hangafa.
 
Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad adeemsa ijaarsa pirojektichaa wayita daawwatanii turanitti, ijaarsi buufatichaa dandeettii Itiyoophiyaan pirojektota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo karoorsuu, bulchuu fi raawwachuu irratti qabdu guddachaa dhufuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
 
Pirojektichi guddina tuurizimii, daldalaa, tajaajilaa fi aviyeeshinii biyyattiif gumaacha olaanaa akka qabuus eeraniiru.
 
Buufanni xiyyaaraa kun walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa waliin qabdu gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudhas.
 
Akka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jedhanitti, buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu guddina damee aviyeeshinii, diinagdee fi walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba.
 
Akkasumas imala Itiyoophiyaan gara ammayyummaafi badhaadhinaatti taasistu milkeessuuf murteessaa yoo ta’u tarsiimoo buufata xiyyaaraa hedduu qabaachuu biyyattiis kan cimsudha.
 
Ijaarsi buufata kanaa guddina diinagdee biyyattii utubuu keessattis qooda olaanaa qaba.
 
Buufatichi carraa hojii uumuu, invastimantii hawwachuu, daldala idil-addunyaa babal’isuu, tajaajila loojistikii fi galii tuurizimii irraa argamu guddisuu keessattis gahee guddaa qabaata.
 
Akka ragaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti, buufatichi marsaa jalqabaan waggaatti imaltoota miiliyoona 60 akka keessummeessuuf kan karoorfame yoo ta’u, wayita guutummaatti xumuramu waggaatti imaltoota miiliyoona 100 fi miiliyoona 10 keessummeessuu danda’a. Kun immoo Afrikaarraa buufata xiyyaaraa guddicha isa taasisa.
 
Walumaagala ijaarsi pirojektii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu guddina dameewwan daldalaa, tuurizimii, invastimantii fi loojistiksii saffisiisuu keessatti shoora olaanaa kan qabudha.
 
Lammiileef carraa hojii uumuu, maqaa gaarii biyyattiin geejjiba qilleensaan qabdu caalmaatti guddisuufi walitti hidhamiinsa naannawaafi ardii cimsuufis qooda olaanaa qaba.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Comments (0)
Add Comment