Pirojektiin jal’isii Finnaa Birrii miiliyoona 300 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Pirojektiin jal’isii Finnaa Godina Harargee Bahaa aanaa Fadisitti Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 23’n ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera.

Pirojektiin Finnaa Quufa Bobbaasaa jedhamee waamamuu kana Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhiin Damee Oromiyaa obbo Kaffiyaaloo Taffaraatu eebbise.

Hawaasni pirojektiiwwan kanneen sirnaan kunuunsee itti fayyadamuun misooma isaa akka guddisu obbo Kaffaaloon dhaamaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummata fayyadama taasisuuf pirojektiiwwan Finnaa 73 jalqabuu kanneen keessaas pirojektiiwwan 33 xumuramuun hojiif banaa ta’uu Hogganaan Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Naannichaa Injinar Girmaa Raggaasaa himaniiru.

Pirojektiin Finnaa Qufa Bobbaasaa bishaan meetirkuubii miliyyoona 3 fi kuma 600 qabachuu kan danda’uufi lafa heektara 210 misoomsuu akka danda’u Hojii Gaggeessaan pirojektichaa Eebbisaa Abrahaam ibsaniiru.

Rakkoo hanqina bishaanii hawaasa godinichaa furuuf godinichatti hidhawwan afur hojjetamaa jiraachuun eerameera.‎

‎Sagantaa eebba pirojeektii kanarratti hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannoo godinaa fi aanichaa argamaniiru.

‎Tuujii Abdiitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment