Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Pirojektiin jireenya naannawaa gammoojii fooyyeessuun Horsiisee Bultoonni miiliyoona 3 fi kuma 700 ol fayyadamoo taasiseera jedhan Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.
Naannoo Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaatti giddugalli horsiisa kilaastera lukkuu eebbifamuun banameera.
Dooktar Abrahaam Balaay wayita kanatti haasawaa taasisaniin, waggoottan jahan darban pirojektichi naannoolee torba keessatti hojiirra ooluu ibsuun, kanaanis horsiisee bultoonni miiliyoona 3 fi kumni 700 ol fayyadamoo ta’uu himaniiru.
Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa gamasaaniin, pirojektonni akkasii akka biyyaattii hojiirra oolaa jiran sagantaa Maaddii Guutuu kan deeggaran ta’uu eeruun, fayyadamummaa qabeenya beeyladaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ashaadli Hasan gamasaaniin, giddugalichi hawaasa gaariin horsisiee bulaa naannichaaf lukkuu sanyii foyya’aa gatii madaalawaan dhiyeessuun Sona nyaataa fi dandeetii galii isaanii kan guddisu ta’uu kaasaniiru.
Dabalataniis killee fi foon lukkuu gatii madaalawaan hawaasa magaalichaaf dhiyeessuuf qooda olaanaa bahata jedhan.
Sa’aadaa Geetaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.