Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa Pirojektiin Kooyishaa xiyyeeffannoo mootummaan qabeenya biyyaa misoomsuuf kenne kan agarsiisudha jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Mata duree ” Daawwannaa Mana Maree Ministirootaa Kooyishaatti” jedhuun gamaaggama raawwii hojii guyyoottan 100 jalqabaa bara baajataa 2018 Ministiroota waliin hidha Kooyishaatti gaggeessaniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana pirojektiin Kooyishaa adeemsa ijaarsaa yeroo gabaabaa keessatti haala miidhagaa ta’een xumuramuu kaasaniiru.
Guutummaatti wayita xumuramu dandeettii humna elektirikaa meegaa waattii kuma 1 fi 800 maddisiisuu akka danda’u kaasanii, hidhichi maddisiisa humna elektirikaa qofa osoo hin taane iddoowwan gahumsa tuurizimii dinqisiisoo kan qabu ta’uus ibsaniiru.
Naannawichi laga Oomoo, Paarkii Biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa fi gaarreeniifi laggeen garaagaraa kan qabu ta’uu eeruun, naannawichatti loojiiwwaniifi iddoowwan bashannanaa ijaaramuu danda’u jedhan.
Kanaaf Kooyishaa, Halaalaa Keellaafi Cabaraa Curcuraa walitti hidhuun qabeenya tuurizimii naannawichaa haalaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Kooyishaan pirojektii guddaa akkuma Hidha Guddicha Haaromsaa milkaa’inaan xumurame ta’uu kaasanii, pirojektichi kutannoo mootummaan qabeenya biyyaalessaa misoomsuuf qabu kan agarsiisudha jedhaniiru.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.