Pirojektoonni Baahir Daaritti ijaaramaa jiran guddina diinagdee keenyaaf faayidaa olaanaa qabu- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Pirojektoonni Baahir Daaritti ijaaramaa jiran guddina diinagdee keenyaaf faayidaa olaanaa qabaatu jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa ijaarsi isaanii saffisaa kan jiru misooma kooriidarii, bu’uuraalee misoomaa daandiifi pirojektoota daandii qilleensaa Baahir Daar giddugala tuurizimii fi diinagdee ta’uushee mul’isan daawwanneerra jedhan.

Magaalattiin daandii misoomaa irratti kan argamatu ta’uus ibsaniiru.

Misoomni kooriidarii haaraan riqicha Abbaay moofaa irraa hanga Mana Amantaa Kiristaanaa Gabri’eel jiru adeemsa jajjabeessaa irratti kan argamu ta’uu kaasanii, ijaarsi daandii asphaaltii Mana Amantaa Kiristaanaa Gabri’eel irraa hanga Midra Gannat jiru xumuramuu eeraniiru.

Ijaarsi daandii asphaaltii riqicha Abbaay haaraatti geessu Hanii Gaarden irraa hanga Warab jirus xumuramee tajaajilaaf qophii ta’uu argineerra jedhan.

Kana malees ijaarsa pirojektii Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa magaalichatti gaggeessaa jiru daawwachuu kaasanii, ijaarsi Mana Barumsaa Leenjii Balaliistotaa Baahir Daar bara 2016 eegalame xumuramaa akka jiru ibsaniiru.

Terminaalli haaraan pirojektii babal’ina Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Balaay Zallaqaatiin ijaaramaa jirus boqonnaa xumuraarra gahuu eeruun, terminaalli kun sa’aatii tokkotti imaltoota kuma 1 keessummeessuu akka danda’u ibsan.

Pirojektoonni kunneen wayita xumuraman miidhagina magaalattii jijjiiruurra darbanii guddina diinagdee keenyaa keessatti qooda olaanaa qabu jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment