Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan Magaalaa Daseetti kan argamu ijaarsa babal’isuu Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Hooxee eebbisaniiru.
Sagantaa deebisanii ijaaruu Ministeera Barnootaan kan ijaarame manni barumsaa kun dareewwan 12 qaba jedhame.
Hoggantuu Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa Dooktar Mulunash Dassee, Dursaa Kantiibaa Magaalaa Dasee Saamu’eel Mollaalinyi dabalatee hoggantoonni mootummaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Isheetuu Waldamika’eeltu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.