Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Piroojektii seeftiineetii magaalotaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe.
Waltajjiin xumuraa Piroojektii Seeftiineetii magaalotaa bara baajataa 2017 fi mariin karoora bara 2018 gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Faantaa Dajan wayita kana akka jedhanitti, sagantaa seeftiineetiif bara baajataa 2017 irraa eegalee waggoota sadiif Birrii biiliyoonni 45 ramadameera.
Kunis lammiilee dabalataa kuma 600 fi kuma 99 fi 112 sagantichatti akka fayyadamniif gargaara.
Sagantichi sadarkaa jireenyaa lammiilee hedduu fooyyessuufi gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuun bu’aa galmeessiseera jedhan.
Bara baajataa 2018’tti fayyadamtoonni sagantichaa leenjii ogummaa daldalaafi teekinikaa fudhatanii damee hojii filatan irratti akka bobba’aniifi bu’aa qabeeyyii akka ta’aniif ni hojjetamas jedhan.
Beezaawwit Kabbadaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo. www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromo
fanaTiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.