Finfinnee, Adoolessa 11, 2017(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen piroojektoonni barnootaa 150 guyyaa har’a eebbifaman bu’aa ifaajjiifi amanamummaan tajaajiluuti jedhan.
Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2017’tti piroojektoonni barnootaa 150 Birrii biiliyoona 5 fi kuma 200 oliin ijaaraman eebbisiifamuun tajaajilaaf banamaniiru.
Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen, piroojektoonni barnootaa 150 har’a eebbisne bu’aa ifaajjiifi amanamummaan tajaajiluuti jedhan.
Hojii hojjetameen manneen barnootaa dulloomaniifi adeemsa baruufi barsiisuutti gufuu ta’an akkasumas qulqullina barnootaaf rakkoo ta’an maqsuun danda’amuu eeraniiru.
Haaluma kanaan yeroo gabaabaa keessatti kutaa 6ffaafi 8ffaa dabalatee manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatti bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu kaasan.
Bu’uuraaleen barnootaa kanneen akka kutaawwan barnootaa fooyya’oo, bakkeewwan boqonnaa daa’immanii, manneen kitaabaafi yaalii, mooraa qulqulluufi magariisaa akkasumas dirreewwan Ispoortii qaban babal’achaa jiraachuu eeran.
Bulchiinsi magaalichaa waliin gahiinsa barnootaa mirkaneessuufi bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuuf waggoottan shanan darbanitti manneen barnootaa haaraa 110 ijaaruu yaadachiisaniiru.
Manneen barnootaa buleeyyii keessattis hojii babal’isuu hojjechuun kutaalee barnootaa kuma 30 ol, galmawwan barattoonni keessatti sooratan 334, manneen kitaabaafi yaalii 206 akkasumas dirreewwan Ispoortii ijaaruu ibsuu isaanii Biiroon Kominikeeshinii Magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Dhaloota ijaaruun hojii keenya isa duraatti kan jedhan Aadde Adaanech, qaamolee hojii kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.