Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Baatiiwwan jahan darban keessa piroojektoonni invastimantii kumni 11 fi 615 simatamaniiru jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan hojiilee damee diinagdee invastimantiin baatiwwan jahan darban keessa hojjetaman ilaalchisee miseensota Caffeef gabaasa dhiyeessaniiru.
Piroojektoonni invastimantii kumni 8 fi 579 kaappitaala Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 58 galmeessisan murtoo boordii argataniiru jedhan.
Piroojektoonni kunneen lammiilee kuma 700 fi kuma 97 oliif carraa hojii uumuu ibsan.
Rakkoo gabaa intarpiraayizootaa hiikuuf hojii hojjetameen walitti hidhamiinsi gabaa Birrii biiliyoona 23.5 uumamuu himan.
Magaaloota adda adda keessatti gabaa Sanbataa 130 ol hundeessuun danda’amuu kan eeran Pireezidaanti Shimallis, oomishaalee shafara olaanaan alaa galaa turan biyya keessatti oomishuun baasii Doolaara biiliyoona 1 ol oolchineerra jedhan.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.