Finfinnee, Hagayya 2, 2017(FMC)- Piroojektoonni madda humna elektirikaa yeroo qabameefitti akka xumuramaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Ashabbir Baalchaa akka jedhanitti, yeroo itti aanutti humna elektirikaa gahaafi amansiisaa dhiyeessuuf ijaarsi piroojektoota madda humna elektirikaa gaggeeffamaa jira.
Yeroo ammaa agarsiistuu tokkummaa Itiyoophiyaanotaa kan ta’e ijaarsi Hidha Haaromsa Guddichaa xumuramuus kaasaniiru.
Ijaarsi madda humna elektirikaa Asallaas xumuramuun humni elektirikaa gara giriidiitti galuu akka eegale ibsaniiru.
Maddeen humna qilleensaa Kooyishaafi Ayishaa 2 yeroo qabameefitti akka xumuramaniif xiyyeeffannoofi qindoominaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Dhaabbatichi fedhii humna elektirikaa hawaasaa guutuuf hojiilee eegale cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Salamoon Yittaayyawutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.