Finfinnee, Adoolessa 27, 2017(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen piroojektoota eegaluurra darbee qulqullinaafi ariitiin xumuruun kaayyoo barbaadamuuf oolchuun aadaa ta’aa dhufeera jedhan.
Kanaaf ammoo misoomni kooriidarii Inxooxxoo hanga Araat Kiiloo guyyaa har’aa eebbisiifame ragaa ta’uu ibsan.
Misoomni kooridarii kun lafa bal’ina heektaara 314 qabu misoomsuus kaasaniiru.
Misoomni kooridarii kun bal’ina daandii Kanaan dura ture meetira 32 irraa gara meetira 42’tti bal’isuu, daandii biskileetii, daandii imaltoota lafoo kiiloomeetira 11 akkasumas iddoo taaksonniifi awutoobisoonni imaltoota itti fe’aniifi buusan 11 qabaachuu eeraniiru.
Dabalataanis iddoowwan magariisaa 20 fi pilaazaawwan 2, iddoowwan daa’imman itti taphatan 10 fi bakkeewwan ispoortii 7 dabalatee manneen fincaanii 9 kan qabu ta’uus ibsaniiru.
Sarara kana deebisanii misoomsuun kabaja uummataafi biyya keenyaaf qabnu mul’isuurra darbee lammiilee kuma 15 oliif carraa hojii yeroofi dhaabbii uumuu dandeenyeerra jedhan.
Suuqiiwwan Kanaan dura turan 751 fi haaraa ijaaraman 770 dabalatee suuqiiwwan kumni 1 fi 521 kooriidarii kanarratti sochiin daldalaa akka guddatu taasisuu Kominikeeshiniin magaalichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Aadde Adaanech qaamolee milkaa’ina piroojektichaaf gahee isaanii bahatanis galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo:
www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.