Poolisii teeknooloojiin guddisuufi ammayyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Ebla 28, 2017(FMC)- Humna nageenyaafi misoomaa kan ta’e poolisii teeknooloojiin guddisuu, leenjiin ammayyeessuu, iddoo hojii mijataa taasisuufi humna namaan cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan sagantaa eebba marsaa 25ffaa miseensota poolisii federaalaa filamanii leenji’aa turanii irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, hojiileen siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa karaa nagaafi seera qabeessaan akka hojjetamaniif poolisiin gahee isaa bahachaa jiraachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaafi idil-addunyaa akka taatuuf kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mul’anni kun milkaa’ee daandii ida’amuun galma badhaadhina gahuuf dirreen nagaafi seera qabeessi barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Poolisiin sadarkaa guddina Itiyoophiyaan leenjiin, teeknooloojiin, humna namaafi dandeettii raawwachiisummaan guddachuu akka qabu kaasuun, kana mirkaneessuuf mootummaan sagantaa riifoormii bocuun xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.

Layikuun Alamtu gabaase.

Comments (0)
Add Comment