Poolisiin Federaalaa lakkoofsa gabatee konkolaattotaa jijjiire

Finfinnee, Amajjii 27, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa lakkoofsa gabatee konkolaattotaa isaa jijjiire.

Hogganaan Qajeelcha Olaanaa Loojistiksii Poolisii Federaalaa Komishinarri Gargaaraan Isheetuu Fiixaa, lakkoofsi gabatee konkolaattotaa Poolisii Federaalaa waggoota 50 oliif tajaajila kennaa ture walfakkeenya kan hin qabneefi to’annoof kan hin mijanne ta’uu ibsan.

Lakkoofsi gabatee konkolaattotaa Poolisii Federaalaa inni haaraan teeknooloojiin kan deeggarame fi kuusaa odeeffannoo waliin kan walitti hidhame ta’uus eeraniiru.

Lakkoofsi gabatee kun karaa seeraan alaa baay’ifamuu kan hin dandeenyeefi sosochii hojii Poolisii Federaalaa si’eessuuf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Kana malees sadarkaa idil- addunyaatti dorgomtummaa Poolisii Federaalaa guddisuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu eeranii, tajaajila uummata madaalu kennuuf akkasumas hojii qorannoofi ittisa yakkaa si’eessuuf kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.

Kunis galma Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuufi tajaajiloota teeknooloojii waliin walitti hidhuuf karoora qabame waliin hariiroo qabaachuu ibsaniiru.

Heebroon Waaltaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment