Poolisiin FerderaalFinfinnee, oWaxabajjii 17, 2017 (FMC) – Poolisiin Ferderaalaa Itiyoophiyaa guyyaa Siivil Sarvisii Afirikaa irratti badhaasa dhaabbata hoggansa hojii filatamaatiin badhaasa warqee argateera.
Guyyaa Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa ilaalchisee dhaabbileen mootummaa biyyoota Afrikaa waajjira muummee Gamtaa Afrikaatti agrsiisa dhiyeessaniiru.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaas tekinooloojiiwwan rifoormiidaan hidhatee fi tajaajila uummataaf kennaa jiru agarsiisicha irratti dhiyeesseera.
Agarsiisa kanaan dhaabbatichi badhaasa dhaabbata hoggansa hojii filatamaan hogganamuu injifachuun warqee badhaafameera.
Komiishineerri komiishinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa Dooktar Makuriyaa Haayilee dorgommii damee afur qabu kanaan Poolisiin Federaalaa
damee tekinooloojii ammayyaatti fayyadamee ittigaafatama kennameef ba’achuu kan jedhuun injifatee badhaafamuu dubbataniiru.
Dhaabbatichi waancaa warqee badhaafamuun isaa Poolisii Federaalaa qofa utuu hintaane, biyyas kan boonsuu dha jedhan.
Komiishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el gama isaaniin badhaasichi poolisiin Federaalaa jabaatee akka hojjetuu fi bu’aalee tekinooloojii biyya boonsan irratti akka xiyyeeffatuuf kan jajjabeessuu dha jedhaniiru.
Kana irras darbee dhaabbilee Siivil Sarvisii kan kakaasu ta’uus kaasanii, dhaabbatichi gara fuula duraatti biyyaafis ta’e ardichaaf wantoota haaraa beeksisuuf kan hojjetun ta’uu mirkaneessaniiru.
Taarikuu Laggasaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.