Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017(FMC) – Poolisiin Itiyoophiyaa humna namaa fi tekinooloojii ammayyaa ergama yakka ittisuun nageenya waaraa uummataa fi biyyaa eegsisuu ga’umsaan ba’achuuf isa dandeessisu horateera jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee.
Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa barattoota dameelee adda addaan sadarkaa waraqaa ragaa irraa hanga digirii 2ffaatti leenjisaa ture eebbisiiseera.
Pirezidaanti Taayyeen sirnicha irratti poolisiin nageenya lammiilee fi nagaa biyyaa eeguuf itti gaafatama isaa ciminaman ba’achuu qaba jedhan.
Nagaa Itiyoophiyaa jabeessuun giddugala qaroominaa ta’uu ishee itti fufsiisuu qaba kan jedhan pirezidaantichi, dudhaalee gaggaarii barootaaf ijaaraman eegee ittifufssu akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Qaamolee nageenya uummataa jeeqan gara mareetti fiduu fi olaantummaa biyyaa mirkaneesuu akka barbaachisus cimsanii hubachiisaniiru.
Poolisiin tekinooloojii ammayyaatti fayyadamee yakka ittisuufi qorannoo geggeessuuf hojiin eegale nagaa waaraa biyyaa cimauuf carraa miijataa kan uumuu dhas jedhan.
Yuunivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa carraan bilisaa biyyoota ollaaf kennaa jiru shororkeessummaa fi yakkoota daangaa irra darban waloon ittisuuf tattaaffii eegalame akka cimsus eeraniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa poolisii tajaajila dheeraa akka kennaniif uummataan wal ta’uu eeguun barbaachisaa ta’uus hubach ol oliisuu isaanii TOI gabaaseera.