Poolisiin Qilleensaa Qophummaa Raayyichaa cimsuu qaba – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC) – Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan
Poolisiin Qilleensaa qophummaa Raayyichaa cimsuu akka qabu yaadachiisaan.

Humna Qilleensaa FDRI keessatti kutaan waraanaa Poolisii Qilleensaa wabii nageenyaa ta’eera jedhan.

Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan sirna xumuraa leenjii ijaarsa dandeettii hoggantoota Poolisii Qilleensaa irratti argamuun, kallattii hojii kennaniiru.

Poolisiin Qilleensaa Nageenya Humna Qilleensaaf wabii ta’uun nageenya naannawichaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himan.

Hoggantoonni kutichaa haala waqtaawaa tilmaama keessa galchuun qophummaa Raayyichaa cimsuun nageenyaa dhaabbatichaa eeguu fi seera kabachiisuuf hojii bu’aa qabeessa hojjetamaan caalmaatti akka cimsan hubachiisan.

Qophummaa Ajajichaa caalmaatti mirkaneessuuf leenjiin yeroo adda addaatti kunnamu murteessaa ta’uu Ajajaa Olaanaan Kutaa Poolisii Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Hordofaa Dinquun ibsaniiru.

Ogummaa hoggansa waraanaa, ijaarsa xinsammuu Loltootaa fi hubannoo seeraa irratti dandeettii hoggansaa fooyyessuuf leenjii kenname ta’uu ragaan Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment