PSG Tootanihaam waliin –Tapha eegamaa…

Finfinnee, Hagayya 7, 2017 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan injifate PSG’n Liigii Yuurooppaa kan injifate Tootanihaam Hootispar waliin taphni xumuraa Suuppar kaappii Awurooppaa har’a galgala taphatan ni eegama.

Kilabni Faransaay PSG’n bara xumurame keessatti Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa dabalatee waancaawwan dorgommiiwwan biyya keessaas milkaa’inaan dabarseera.

Waancaa kilaboota addunyaas ni mo’ata jedhamee eegamaa kan ture ta’us, tapha xumuratiin Cheelsiin mo’atamee waancicha dhabuunsaa ni yaadatama.

Badhaasa baalaandoorii injifachuuf tilmaama dursaa kan argate Osmaan Dembeellee dabalatee taphattoota sagal kaadhimamtoota xumuraa Baalaandoorii 30’n keessatti filachiifachuun kilaba adda durees ta’eera.

Taphattoota milkaa’ina kilabichaaf ga’ee olaanaa taphatan keessaa taphataan sarara gidduu zyoo’aawoo Neeves sababa adabbiitiin tapha har’aa irratti akka hin hirmaanne beekameera.

Neeves tapha xumuraa waancaa kilaboota addunyaa irratti kaardii diimaa arguun dirree irraa geggeeffamee ture.

Karra eegaan kilabichaa Jiiyaanlujii Doonaarumaa kilabicha irraa adda ba’uuf waan jiruuf innis tapha har’aa kanatti hin hirmaatu jedhameera.

Tootanhaam Hootispar ammo bara taphaa xumurametti liigicha keessatti sochii dadhabaa argisiisus Waancaa Yuurooppaa Liigii milkeessuun kan xumuree dha.

Jijjiirraa taphattootaa gannatiin taphataa seena qabeessa kilabichaa San irraa adda kan ba’e kilabni Kaaba Landan kun hanga har’aatti taphataa bakka isaa bu’u argachuu hindandeenye.

Dabalataanis miidhaa irra ga’een hanga ji’a ttu dirree kan hinseenne taphataan sarara gidduu Jamsi Maadiisan tapha xumuraa har’aan ala ta’eera.

Bara taphaa xumurametti klaboota hundatti qormaata ta’aa kan ture PSG’n Piriimiyar Liigii Ingiliz keessatti raawwii dadhabaa galmeessisaa kan ture Tootanhaam waliin taphni xumuraa waancaa Suuppar Kaappi Awurooppaa kun haalaan kan eegamuu dha.

Taphni hawwisiisaan kun xaaliyaanii magaalaa Udiin Dirree Firiiyooliitti galagala sa’aatii 4:00 irratti eegalama.

Bara 2024tti Riyaal Madriid Atilaantaa injifachuun waancaa Suuppar Kaappii Awurooppaa injifachuun isaa ni yaadatama.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment