Finfinnee, Caamsaa 17, 2017(FMC) – Daballii gatii bu’aalee beelladaa irratti mul’atu tasgabbeessuf nyaata beelladaa bal’inaan dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibseera.
Yeroo dhiyoo as bu’aalee beelladaa fi lukkuu irratti daballiin gatii mul’achaa jiru hojii hojjetamaa jiruun kan wal hinsimne ta’uu shamatoonni komii qaban Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.
Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti kanneen yaada isaanii Faanaa Dijiitaaliif kennan akka jedhanitti gatiin killee fi aannanii ayyaana faasikaa asi garmalee dabaluun killeen tokko hanga birrii 22tti gurguramaa jira.
Kanas bitachuuf humna isaanii ol ta’uu kaasan
Daballiin gatii kun magaalota Oromiyaa biroo keessattillee haala walfakkaatuun mudachuutu himama.
Daayrekterri To’annoo Gabaa waajjirichaa obbo Alamaayyoo Boggaalee Faanaa Dijiitaaliif yaada kennaniin, rakkoo dhiyeessii furuuf akka magaalichaatti wiirtuuleen horsiisa beelladaa fi lukkuu babal’achaa jiraachuu eeranii, addumatti giddugaleessi horsiisa lukkuu 35 jiraachuu kaasan.
Gatiin oomishaalee qonnaa dhiyeessiin to’atamee tasgabbaa’uu eeranii, kan bu’aalee lukkuu fi beelladaa irratti mul’achaa jiru hanqina nyaata beelladaa irraa kan madde ta’uu dubbatan.
Oomishaaleen kunniin akka meeshaalee biroo kuufamanii kan hin turre ta’uun isaa rakkichaaf sababa akka ta’e himuun, sababi biraan daballii kanaaf ka’umsa ta’u akka hinjirre hojii qorannoon adda baasaa jiraachuus ibsan.
Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daayrekterri Inispeekshinii fi Reegulaatorii obbo Geetaachoo Qaxxisaan gama isaaniin Mootummaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjechaa jiru bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu dubbatan.
Daballiin gatii kun dhiyeessiin akka wal hinqabannee fi qaala’iinsa nyaata beelladaa irraa kan madde ta’uu mirkaneessan.
Kana furuufis waarshaalee nyaata beelladaa oomishan babal’isuuf kallattiin qabamee hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia