Finfinnee, Qaammee 3, 2017 (FMC) –Qaammeen 3 Guyyaan Milkaa’inaa har’a mata duree ‘Milkaa’ina olka’iinsa waaraaaf’ jedhuun kabajamee oola.
Guyyaa kana milkaa’inoota darbaniif kan beekamtiin itti kennamu, kan yeroo itti aanuuf ammoo kaka’umsi itti uumamuudha.
Guyyaa milkaa’inoonni hanga ammaattii argaman ummataaf itti ifoomaniidha.
Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa baatiiwwan 13 qabaachuun biyya addaati.
Baatiin 13ffaan kun ammoo Itiyoophiyaaf hiikaa addaa kan qabuu fi sadarkaa mootummaattis waggoota sadan darbaniif guyyoonni maqaa addaan kabajamaa jiru.
Baranas haaluma walfakkaatuun Qaammeen 3 Guyyaa Milkaa’inaa jedhamuun mogga’uun kabajama.
Guyyichatti milkaa’inonni damee diinagdeen galmaa’an kan itti dhiyaataniidha.
#Oromia #Ethiopia