Qaamni Itiyoophiyaa miidhuuf Socho’u kamuu ishee hin danda’u- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC) -Dinni Itiyoophiyaa miidhuuf socho’u kamuu ishee hin danda’u yeroon isaas darbeera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Eeritiraan erga uumamtee eegalee Mootummaa Itiyoophiyaan waliin rakkoo qabaachuu dubbataniiru.

Mootummaan jijjiiramaa rakkoolee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Eeritiraa gidduu ture furuuf jalqabbii gaarii taasisuus Dooktar Abiy ibsaniiru.

Qaamooleen tokko tokko Itiyoophiyaa fi Eeritiraa gidduu rakkoon kan uumame erga Itiyoophiyaan gaaffii karra galaanaa dhiyeessiteetti jechuun kaasu jedhan.

Haa ta’uu malee Itiyoophiyaa fi Eeritiraa gidduu walitti bu’iinsi kan eegale wayita walitti bu’iinsi Kutaa kaabaa biyyattiitti uumame hordofee ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Eeritiraan Wayita Mootummaan Itiyoophiyaan waliigaltee Piriitooriyaa taasisuu maaliif osoo ABUT hin balleessiin waliigalteen akkamiin taasifamaa jechuun waldhabdee ture sadarkaa olaanaatti guddisuu himaniiru.

Dooktar Abiy nuti dhugaa waan qabnuufi amanummaan ummata keenya waan tajaajiluuf eenyuuyyuu nun hin injifatuu jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment