Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa qaamolee filannoon Mana Marichaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gahee isaanii bahataniif beekamtii kenneera.
Sagantaa kanarratti Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa dabalatee Miseensonni boordii raawwachiistuu filannoofi hoggantoonni Mana Marichaa argamaniiru.
Sheek Hajii Ibraahim Tufaa wayita kana, qaamolee filannichi karaa nagaafi haqa qabeessaan akka gaggeeffamuuf qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.
Filannoon Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa bara 2017 Qaammee 2, 2017 xumuramuun isaa kan yaadatamudha.
Jamaal Ahimadtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.