Qaamolee oomisha Bunaa kuusanirratti tarkaanfiin ni fudhatama – Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Qaamolee oomisha Bunaa karaa seeraan alaa kuusanii fi dhoksanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhe Ministeerri Qonnaa.

Ministeerichi haala gabaa Bunaa idil addunyaa ilaalchisee ibsa of eeggannoo kenneera.

Bunni Diinagdee Itiyoophiyaa keessatti murteessaa ta’uu Daayrekterri Kominikeeshinii ministeerichaa obbo Yimar Daawud dubbataniiru.

Ergitoonni fi oomishtoonni haala waqtaawaa gabaa Bunaa idil Addunyaarratti hundaa’uun oomisha isaanii gurgurachuu akka qaban hubachiisan.

Bara oomishaa kana Buna Toonii kuma 600 alatti erguun galii Doolaara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Baatiwwan jahaan darban Oomisha Buna Toonii kuma 200 alatti ergamerraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.35 ol argamuu himan.

Bara oomishaa darbe Buna Toonii Kuma 400 fi kuma 70 gabaa alaaf dhiyeessuun galiin Doolaarri biiliyoonni 2 ol argamuu dubbatan.

Kuufamni oomishaa fi Tilmaamni dogoggoraa sharafni alaa ni dabala jedhu gabaa Bunaarratti gufuu ta’uu obbo Yimar Daawud kaasaniiru.

Qaamolee oomisha Bunaa karaa seeraan alaa kuusanii fi dhoksanirratti tarkaanfiin cimaan kan fudhatamu ta’uu hubachiisan.

Heenok Lammeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment