Qaamoleen Biyya alaarraa karaa seeraan alaan maalaqa galchan ifooman

Finfinnee, Adoolessa 27, 2017(FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dhaabbilee Maallaqaa teeasoon isaanii Ameerikaa ta’ee fi karaa seeraan alaan maallaqa gara biyyaatti galchan ifoomse.

Baankichi karaalee daddabrsa maallaqaa eeyyama qabanii fi to’annoon irratti geggeeffamu fayyadamuun daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fi deggersa shororkeessitootaaf kennamu ittisuun murteessaa ta’uu cimsee hubachiiseera.

Karaa biraatiin amanamummaa sirna maallaqaa hir’isuu fi gatii sharafa gaabaa jeeqquuf bakka bu’oonni maallaqa karaa seeraan alaa gara Itiyoophiyaatti wrgan jiraachuu eereera.

Dabalataanis maallaqa hawaasa Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatu irraa walitti qabame hojii seeraan alaa deggeruuf kan oolchaniinfi maallaqa miliqsuurratti kanneen hirmaatan adda baafamuu hubachiiseera..

Haaluma kanaan dhaabbileen maallaqaa
Ejensii daddabarsa maallaqaa Hagay( Shgey Money Transfer)
Ejeensii daddabarsa maallaqaa Aduuliis (Adulis Money Transfer) USA)
Raamaadaa peey (Ramada Pay (Kaah)
Ejensii Daddabarsa MaallaqaaTAAJ (TAAJ Money Transfer)

jedhaman maallaqa biyya alaarraa karaa seeraan alaa akka daddabarsan eerameera.

Sochii ejentoota kanneenii qorachuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin hojjechaa akka jiru baankichi eeruun, qorannicha cimsee itti fufuun tarkaanfii akka fudhatu hubachiiseera.

Lammiileen biyyattii ala jiraatanis ejentoota daddabarsa maallaqaa seeraan alaan maallaqa eguurraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Comments (0)
Add Comment