Qaamoleen haqaa tajaajila haqa qabeessa, si’ataa fi bu’aa qabeessa akka kennan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 23, 2017 (FMC) – Korri sagantaa sirna haqaa Magaalaa Shaggaritti qaamolee dhimmamtootaa hirmaachise taa’amaa jira.
Waltajjiin kora haqaa kun mata duree ”sirna haqaa cimaa ijaaruuf Hirmaannaan uummataa murteessaadha” jedhuun taa’amaa jira.
‎Mootummaan qaamolee haqaa keessatti miira tajaajiltummaa uummataa uumuuf hojimaata haqaa ammayyaa’aa, iftoomaa fi itti gaafatamummaa qabu mirkaneessuu danda’an diriirsuuf hojjechaa jiraachuun eerameera.
Dandeettii, ogummaa, ilaalchaa fi naamusa isaanii guddisuun tajaajila qulqullina qabu, haqa qabeessa, si’ataa fi bu’aa qabeessa ta’e akka kennan sirna haqaa fooyyeessuun hojjetamaa jira jedhame.
‎Itti aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara diinagdee Magaalaa Shaggar 0bbo Guyyoo Galgaloo, Imala guddina Magaalaa Shaggar milkeessuuf hirmaannaa uummataa gama haqaatiin jiru cimsuun hojii misoomaa fi nageenyaa itti fufsiisuuf kenna tajaajilaa gara qaamolee haqaatiin jiru ammayyeessuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa ariifataa taasiisuu fi qindoomina qaamoolee haqaa cimsuun rakkoolee gama nageenyaatiin jiru milkeessuu keessatti shoora guddaa akka qabaachuu hubachiisaniiru.
Kana malees,guddina dinagdee gama hawaasummaa ,siyaasaa fi Bulchiinsa gaariitiin jiru galmaan gahuu kessatti hojiin Koree fooyya’insa sirna haqaa hojjechaa jiran gumaacha guddaa akka qabu himaniiru.
‎Pireezidaantiin Mana murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar obbo Kumalaa Buusaa, Mootummaan naannoo Oromiyaa Koree fooyya’insa sirna haqaa hundeessuun hojiilee gurguddoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
‎Bu’aawwan gama kanaan argaman hawaasni himaachuun milkaa’ina caalu akka dhufuuf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.
Baayiluu Baaneetu gabaase.
Comments (0)
Add Comment