Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad qabeenya bishaanii keenya itti gaafatamummaa fi sirnaan fayyadamuu barbaachisa jedhan.
Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree ” Dhiyeessii bishaanii itti fifiinsa qabuu fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyi isaa eegamee, milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’f” jedhuun geggeeffamuu eegaleera.
Dooktar Abiy Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin,Afrikaanonni qabeenyi bishaanii bu’uura guddinaa ta’uu hubatanii, sirnaan fayyadamuu qabu jedhan.
Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha irratti hojii guddaa hojjetteen bu’aa qabatamaa fiduu akka dandeesses ibsaniiru.
Afrikaanonni qabeenya bishaanii sirnaan fayyadamuu yoo dandeenye guddinni Afrikaa dhiibbaa huddaa uumuu danda’a jechuunis ibsan.
Itiyoophiyaan dhuma bara kanaatti guddina %10.2 galmeessuuf hojjechaa akka jirtu ibsanii, badhaadhina mirkaneessuun jireenya lammiilee jijjiiruuf hojiiwwan nama irratti xiyyeeffatan magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Jireenya uummata baadiyaa ammayyeessuuf, walitti hidhamiinsa gabaa bal’isuu fi bishaan dhugaatii qulqulluu waliin ga’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan waggoota darban keessa hojii sagantaa Ashaaraa Magariisaa hojjetteen gama dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuun ga’ee guddaa taphachaa jiraachuus eeraniiru.
Yaa’ii ”kooppi 32” irrattis Afrikaan yaadota furmaataa dagalee tokkoo addunyaaf ni dhiyeessitis jedhan.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.