Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Qabeenyi Baalee keessa jiru kutaalee Itiyoophiyaa kamittuu hin argamu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ummanni Baalee qabeenya kanneen kunuunsuun har’aan gahuu danda’uu eeruun, rakkoolee hunda keessatti qabeenya kanneen tiksuun har’aan gahuu isaaniin mootummaan ummatichaaf galata olaanaa qaba jedhan.
Bakka Daandiin, Ibsaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroo hin jirretti ummanni Baalee qabeenya kana tiksuun har’aan gahuu eeran.
Godina qabeenya danuu qabu ta’ee osoo jiruu hojiileen irratti hojjetame tokkooyyuu hin jiru jechuun kaasan.
Holqi Soofumar Holqa gootoota Itiyoophiyaan dadhabbii olaanaan hojjetame ta’ee osoo jiru, holqa bishaaniin uumame jechuun odeeffamaa ture jedhan.
Maqa balleessii olaanaan iddicharratti gaggeeffamaa akka ture eeran.
Qaroominni addunyaa kanaa dhagaa waliin walqabataa ture kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, biyyoonni addunyaa qabeenya kana hojiitti jijjiiruun wayita qabeenya taasifatan kan keenya garuu amala busheessuu keessa waantureef itti hin hojjenne.
Yeroo ammaa qabeenyi kuni faayidaa biyyaaf akka oolu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
#Oromia #Ethiopia