Qabeenyi kuufamaa naannoo Somaalee biyyaafi dhalootaaf ashaaraa kaa’uuf dandeettii guddaa kan uumudha-obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan qabeenyi kuufamaa naannoo Somaalee yaadama ida’amuun biyyaafi dhalootaaf ashaaraa kaa’uuf dandeettii guddaa uumuu kan danda’udha jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hiriirri deeggarsaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun guyyaa har’aa naannichatti gaggeeffame jabaatanii hojjechuuf, misooma itti fufsiisuufi badhaadhina mirkaneessuuf galaa kan ta’udha jedhaniiru.

Ergaawwan magaalota naannichaa garaagaraatti darban mootummaafi uummanni bayyanachuu fi imala olka’iinsaa Itiyoophiyaaf harka walqabatanii imaluu kan mul’isan ta’uu eeraniiru.

Ni dhaggeeffanna; ni kabajna; hojiirra ni oolchina jechuunis ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment