Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Qabeenyi Kuufamaan Baalee qofti Itiyoophiyaaf gahaadha jedhan Daayrekterri Olaanaan Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota duraanii fi hoggantoota yeroo ammaa waliin daawwannaa hojiilee misoomaa Baaleetti taasisan cinaatti Holqa Soofumaritti mata duree’ Duudhaa Soofumar’jedhuun marii gaggeessaniiru.
Baaleen godina waggootaaf Seeftineetiin ture ta’uu eeruun, haa ta’uutii bakkicha ofirra darbee qabeenya guutuu biyyaaf ta’u qabaachuu daawwannaa keenyaan hubanneerra jedhan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Daawwannichaan booda hanga har’aatti eessa akka turre akka of gaafadhu na godheera.
Baalee qofa osoo hin taane guutuu biyyattiiti qabeenyi guddaan jiraachuu hubachuun tumsaan hojjennee Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaatti dorgomtuu taasisuu qabna jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.