Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018 (FMC) – Qabeenyi uumamaa Baalee jiru addunyaarra eessayyuu hin jiru jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hoggantoota duraanii fi yeroo ammaa hojiirra jiran waliin Soofumaritti mari’ataniiru.
Qabeenyi kuufamaan baaleetti argamu hunda keenyaaf ni gaha jedhan.
Qabeenya kuufamaa kana kunuunsanii sirnaan itti fayyadamuu dhabuun gaaffii hunda keenyaa ta’uu qaba jedhan.
Qabeenyi uumamaa Baaleetti argamu addunyaa kamiittuu hin argam jechuun eeran.
Qabeenya guddaa kana beeksisuun gahee qaama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisan.
Itiyoophiyaan qabeenya isheerra darbee kanneen biroof ta’u osoo qabduu haalli itti jirruu fi kan nuuf kenname waliin hin deemu jedhan.
Biyyoota addunyaa hedduu naanna’ee argeera garuu kan Baalee hin agarre jechuun ibsan marii isaaniin.
Marichi Holqa Soofumar keessatti akka raawwatamu gochuun dhaloonni bakkicha akka baruuf ta’uu eeran.
Itiyoophiyaan biyya keessaa baqatan osoo hin taane biyya itti baqatan akka taatuuf hojjechaa jirra jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.